WAASHINGITAN, DIISII —
Paarlaamaan Itiyoophiyaa filannoo biyyoolessaa yeroo biraatti dabarsuuf kan boordiin filannoo murteesse har’a raggaasisee jira
Dura teessuun boordii filannoo aadde Birtukaan Miideksaa weerarri vaayiresii koronaa qophee filannoof godhamu akkamiin akka danqe miseensota paarlaamaaf ibsaniiru.
Paalaamaanis murti kana akka qoratuuf koree dhimmi ilalaallatu tti dabarsee jira.