WAASHINGITAN, DIISII —
Naannoo uummattoota kibbaa keessatti roobi yandon roobee lolaa mudateen lammiiwwan kuma ja’aa ol ta’an gargaarsa yeroo hatattamaa eeggachuuf kan saaxile ta’uu komiishinni qindeessa soda balaa kan naannoo Sanaa beeksisee jira
Itti aanaa komiishinerri qindeessa dhimmootii yaaddoo balaa kan naannoo Sanaa obbo Abarraa Wiilaa balaa uumamaa kanaaf sababaan hanqina akkaataa qabeenyi uumamaa itti qabamee jidru ta’uu ibsanii imaammati fayyadama lafaa jiraachuu dhabuunis rakkoo jiru hammeesse jedhan jechuu dhaan Yonajtan Zebdwos Hawaasa irraa gabaaseera.