WAASHINGITAN, DIISII —
Yunaayitid Isteetisii fi Itiyoopiyaa walii galtee michummaa misoomaa doolaara miliyoona $230 walii mallatteessan.
Ibsi embasii Ameerikaa kan Finfinnee jiruun ba’e akka jedhutti walii galteen sun uummati Ameerikaa jajjabina Itiyoophiyaaf investii gochuuf cicha inni qabu cimsee yaadachiisee jira jedha Meleskachoo Ammahaa Finfinnee irraa.