WAASHINGITAN, DIISII —
Waldaa Krostaanaa magaalaa Hiwstan keessatti Kibxata kaleessaa sirna gaggeeffamee irratti miseensoonni maatii isaa, namoonni siyaasaa fi namoonni bebbeekamoon Amerikaa keessaa argamanii jiru.
Akkaataan itti Flooyids polisoota harkatti du'a guutuummaa Amerikaa fi biyyoota kanneen biroo hedduu keessatti mormii hordoofsisuun isaa ni yaadatama.
Sirna gaggeessaa awwaalchaa kaleessa gaggeeffame namoota hundaaf banaa kan hin turre yoo ta'u namoonni dhibba hedduun argamanii jiru.
Midiyaan bebbekamoo fi gurguddoo jedhaman marti guutummaa Amerikaa keessatti sirna awwaalchaa kaleessa gaggeefame kana kallattiin uummataaf dabarsaa turan.