Sanbata dhufu jechuun Waxabajjii 20, bara 2020 Guyyaa Baqattootaa waggaa 19ffaa tu guutummaa addunyaatti ayyaaneffama. Ayyaana waggaatti takkaa kabajamu kana irratti deggersa maallaqaa gargaarsa baqattootaaf oolfamuuf dadammaqinsa uumaa, gamaa kaaniin immoo milkaa’ina hojii baqattootaa tu faarfama. Rakkoolee duraanuu mudatan irratti, weerarri Vaayirasii Koronaa bara kanaa immoo, baqattootatti ba’aa dabalataa tahee jira.
Baqattoota addunyaa irraa gara miliyoona toorbaatamii tokkoo keessaa irra-jireessi kanneen sababaa waraansaa fi hokkaraatiif biyya isaanii gad-lakkisanii dheessan. Akka dubbi-himaan Tokkummaa Mootummootaa – Mr. Booy’aan jedhanitti, uummata kanaaf wanna barbaachisu kennuuf birmannaa idiladdunyaa sadarkaa guddaa barbaachisa.
Gabaasaa guutuu caqasaa