Yeroo ammaa sababaa nageenyaa fi rakkoolee fafakkaataniin kan ka’e uummati hedduun aanaalee godina Qellem Wallaggaa jala jiran irraa gara DDtti dheessanii jiru.
Kanneen magaalattii keessa jiran namoota harka qalleeyyii dabalatee walumaa gala godinicha keessaa uummata kuma sagalitti hedamutu gargaarsa eeggataa jira.
Lammiin lammiif haa dhaqqabu jechuu dhaan dhalattoonnii fi jaallattoonni Qellem Walaggaa biyya ambaa keessa jiran hafuura waliin ga’uu dhaan maallaqa hanga tokko walitti fidanii kanneen kana deggeruuf walitti dhufan.
Deggersa lammiiwwan kun walitti qabuun erganis afooshaaleen dhalattoota naannoo Sanaa bulchiinsa godinichaa waliin qindoominaan hojjechuun namoota kanaaf guyyaa borii gargaarsa kana raabsuuf qophaa’anii kan jiran ta’uu ibsaniiru.