Dhimma laga hidha Abbayyaa ilaalchisee dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Stephan Dujariik gaaffii gaazexeessota biraa dhiyaateef deebii kennanii jiran.
Dhimmi hidha laga Abbayyaa yeroo ammaa sadarkaa haaraatti kan ol butate yoo ta’u ministeerri dhimmi alaa Masrii Itiyoophiyaa biraa illee dhiyeenya ibsi ba’ee jira.
Ministeerri dhimmi alaa Masrii illee gola nagaa kan tokkummaa mootummootaaf xalayaa barreessee jira. Xalayaan wal fakkaatu muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaas dhaqqabe yoo ta’e dhimmi kana irratti ejjennoo fi yaaddoon isaan qaban maal akka ta’e gaafatamanii jiran.
Staphanne Dujaarik deebii kennaniin yeroo ammaa kanatti fooyya’ina argame, ibsawwan qaamolii adda addaa biraa dhimmi hidha laga Abbayyaa ilaalchisee kennamaa jiru itti siqeenyaan hordofaa jirra jedhan.
Gama keenyaan Masrii, Itiyoophiyaa fi sudaan adda addummaa ijoo gidduu isaanii nagaa dhaan furuu dhaaf waliin ta’anii akka hojjetan waamicha dabarsina jedhan.
Bara 2015 walii galtee irra ga’ameen fayyadama bishaanichaa ilaalchisuun qaama maraaf bu’aa akka ta’u akkasumas wal amantaa gaarii irratti akka ta’u ka jedhu cimsanee yaadachiisuu barbaanna jedhaniiru.