FINFINNEE —
Warshaan daabboo Shaggar sa'atii tokkotti daabboo 80,000 Oomisha, jedhame har’a Finfinneetti eebbifamee jira. Sirna eebba warshaa kanaa irratti kan argaman Muummeen Ministiira Itoophiyaa Abiy Ahmad, “warshaan kun akeektuu rakkoo midhaan nyaataa jalaa ittiin baanuu ti,” jedhan.
Itti aanaan kantiibaa bulchinsa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaas gama isaaniin hojiileen gaaffii dargaggotaa fi haadholii deebisan magaalatti keessatti ciminaan hojjatamaa akka jiru dubbatan.