Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirni Awwaalcha Artisticha Beekamaa Haacaaluu Hundeessaa Har’a Ambotti Raaw’atame 


Sirna awwaala Haacaaluu Hundeessaa, Amboo
Sirna awwaala Haacaaluu Hundeessaa, Amboo

Guyyaa har’aa gama akka sa’atii Itiyoophiyaatti tokkoo fi walakkaa irraa jalqabee, reeffi Artistii beekamaa fi Jaallatamaa Haacaaluu Hundeessaa mana warra isaa magaalaa Amboo, lafa dur ganda 06 jedhamuu fi amma Toorban Kuttaayee, bakka addaa Araadaa jedhamee waamamu irraa fuudhamee, jaallatoota isaa, dinqsifattoota isaa hawaasa naannoo isaa muraasa, jiraattota magaalaa muraasaa, akkasumas maatii isaatiin marsamee gara Itaadiyeemii Yunivarsitii Ambootti ka geessame yoo tahu, kabajaa sirna kanaaf jecha Baandiin Naashinaal Baandii Oromiyaa jedhamus bakka sanatti argamee muuziqaan dabaaluu isaa dubbatan, namoota sirna kana irratti argaman keessaa kanneen Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennan.

Ka sirna sana irratti maatii bakka-bu’uun dura haasawa dhageessisan, abbaan Artist Haacaaluu, Obbo Hundeessaa Boonsaa “gumaa amucaa Waaqayyo haa baasu,” jechuu isaanii, hiririyyaan isaa fi namoonni ka biroon sanaa booda dabareedhaan haasawa dhageessisanis, sirni geggeessaa baay’ee kana caalu akka Haacaaluuf taasisamuu male dubbatanii, ammaa boodas siidaan isaa bakka dhalata isaa Amboo fi magaalaa handhuura Oromiyaa Finfinneetti akka dhaabachuufii qabu gaafatanii jiru, jedhan – namoonni sirna sana irratti argaman keessaa.

Bakka-bu’aan Mootummaa naannoo Oromiyaa – Obbo Dhaabbaa Dabalee haasawa sirna geggessaa sana irratti dhageessisaniin, “Haacaaluun qabsaawa qofa miti, Haacaaluun waan hundumaa dha. Siidaan isaa Ambo keessatti qofa otuu hin taane Finfinnee keessattillee dhaabachuu qabaa, jechuu isaanis himanii jiran.

Haati warraa isaa ergaa barreeffamaan Finfinnee irraa ergiteen, “gaddi nu irra gahe gadda guddaa dhaa. Gaddi waa’ee Haacaaluu keessa keenyaa hin baduu. Akka siidaan isaa magaalaa Finfinnee, bakka lubbuun isaa itti darbetti dhaabatu maqaa koo fi maqaa ijoollee kootiinan gaafadha,” jechuun isaas dubbifamee jira – akka namoonni sirnicha irratti argame jedhanitti.

Sirni geggeessaa isaa eega xumuramee booda, reeffi Artist Haacaaluu Hundeessaa maarshii Baandii Naashinaalii Oromiyaatiin dabaalamee jaallatoota isaa, firoota isaa hawaasa naannoo isaa muraasa, jiraattota magaalaa muraasaa, akkasumas maatii isaatiin marsamee gara bakka awwaalchaa reeffi siaa qubatuu, gara Waldaa Kirtistaanaa Ortodooksii Iyyesuusiitti geessamee kabajaan awwaalamuu isaa dubbatan – kanneen sirnicha irratti argaman.

Gama biraatiin, qeerroon dhibba hedduutti lakkaawaman sirna geggeessaa Artist Haacaaluutti hirmaachuu qabna jechuun ganama irraa kaasanii kan gaafataa turan tahuu isaa fi humnoonni naga-eegumsaa immoo, akka irraa deebi’an, yoo deebi’uu didan akka itti dhukaasan akeekkachiisaa turuu isaanii, yeroo adda addaattis magaalattii keessatti qawween dhukaasamaa turuu isaa – namoonni achi turan VOAtti dubbatanii jiran.

Namoonni ijaan argan akka jedhaniitti, yeroo reeffi Artist Haacaaluu mooraa Yunivarsitii Ambootii bahu, dargaggoota hedduu sirna geggeessaa sanatti hirmaachuuf gaafataa turanii fi humnoota mootummaa gidduutti wal-falmii uumame irratti dhukaasa banameen, namoonni lama du’anii, kudha tokko madaa’uun himamee jira.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Sirni Awwaalcha Artisticha Beekamaa Haacaaluu Hundeessaa Har’a Ambotti Raaw’atame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:23 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG