Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaa fi Vaayrasii Koroonaa


Hindiin sa'atii 24 keessatti namootavaayrasii koronaan qabaman 28,701 galmeesitee jirti.Kunis Yunaaytid Isteetes fi Braaziliin kan guyyaa tokkotti galmeessan caalee jira.

Meksiskoon namoota dhukkuba Koviid-19 qabamanii du'an hedduu qabaachuun Xaaliyaanii caaltee sadarkaa duraa qabattee jirti.

Yunaaytis Isteetes keessatti lakkoobsii namoota vaayrasii koronaan qabamanii akkaan dabalaa yeroo jiru kanatti manni barnootaa banamuu qaba jechuun ministrittiin ministeera Barnootaa Beetsii Devoos dubbatanii jiru.

Gama kaaniin bulchiinsii prezidaant Traamp barattoota biyyootii addunyaa adda addaa irraa dhufuun Amerikaa keessatti barataa turan yoo daree keessatti argamuun waan baratan hin qabaatiin gara Amerikaatti deebi'uu hin qaban jedhee jira.

Kana mormuudhaan Yunivarsitiin Harvard fi Instituutiin Teknoolojii kan Maasaachuuseet Robii darbee himata mana murtii Federaalaa isa Bostan jiruutti galfatan yunivarsitiwwan kanneen biroon 60ni deggeranii jiru.

XS
SM
MD
LG