Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin bulchiisa naannoo Oromiyaa Ayyaana Guyyaa Nagaa fi Galateeffannaa Baahir Daaritti Qophaahe Irratti Haasaha Godhan


Prezidaantiin bulchiisa naannoo Oromiyaa – Obbo Shimallis Abdiisaa, kaleessa, bulchiisa naannoo Amaaraa, magaalaa Baahir Daaritti ka geggeessame ayyaana guyyaa nagaa fi galateeffannaa irratti argamuudhaan haasawa dhageessisaniin, “uummatnii Oromoo fi Amaaraa tokko, mul’ataa dha,” jedhanii jiran.

Baatii tokko dura haasawa prezidaant Shimallis Abdiisaa ti, jedhamuun sagalee dhaga’ame irratti, “laga Abbayaa ceenee, Baahir Daar deemnee, garii isaanii amansiisnee, kanneen amanuu dhaban immoo burjaajessinee, qumaaricha nyaannee jirra. Afaan Amaaraa dadhabsiisaa, magaalaa Finfinnee karaa seera qabeessaanis tahe seeraa alaa galfannee jijjiiraa jirra,” ka jedhuu fi ergaawwan ka biroon keessaa dhaga’amuun ni yaadatama.

Sirna kaleessa geggeessame kana irratti, bulchiisa naannoo Amaaraa keessatti, “nageenya waggaa tokko keessatti argameef qooda gumaachanii jiran,” kanneen jedhaman – miseensota poolisii, namoota ka biroo fi naannoolee ollaaf, Prezidaantiin mootummaa naannichaa argamuun badhaasa kennanii jiran.

Prezidaantichi Oromiyaa fi Prezidaantiin bulchiisa naannoo Benishaangul Gumuzis sirna kana irratti kan haasawa dhageessisanii yoo tahu, Obbo Shimallis Abdiisaa, “walitti-dhufeenya nageenyaa naannoo Amaaraa waliin uumameef qooda gumaachanii jiran” jedhamuun – prezidaanicha naannoo Amaaraatiin kaabbaa badhaasamanii jiran.

ama biraan, yeroo Obbo Shimallis “Uummatni Oromoo fi Amaaraa tokko,” jedhan kanneen dhaggeeffatan, jiraattonni magaalaa Baahir Daar, mufannaa isaanii VOAtti dubbatanii jian. “Dura uummata Amaaraa dhiifama gaafachuun otuu irra jiruu, ammas haasaadhuma qumaara fakkaatu dhageessisan,” jechuu isaanii – Aster Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG