Caasaan daandilee balalii Afriikaa, dhiibbaa hamaa vaayiresiin koronaa imala irra kaa’e irraa dandammachuuf waggoota sadii fudhachuu akka malu kanneen waa’ee industrii kanaa keessa beekan dubbataniiru.
Haa ta’u malee rakkoo sadarkaa addunyaa mudate kanaan industiin miidhame kun deebisee akka itti yaaduufi akkaataa hojii haaraa fi adda ta’e akka karoorsu ta’ee jira.
Biyyoonni tamsa’ina vaayiresii koronaa dhaabuuf tattaaffii godhaniin daangaalee isaanii cufanii ennaa turanitti daandileen balalii Afrikaa baatilee hedduuf danqame. Biyyoonni ennaa balalii eegaluuf qopha’aa jiran kanatti daandiin balalii salphaatti bakkuma dhaabanii ka’uu hin danda’an jedhu ogeessonni industrii kanaa.
Galiin daandii balalii irraa argamu xiqqaataa ennaa dhufee fi hegereen maal akka ta’u beekamuu dhabuun dabalaa adeemuu isaa waan hubataniif baatii Bitootessaa jalqabee balalsiistota, injinerootaa fi makaanikoota akkasumas hojjettoonni deggersa kennan qofaa utuu hin taane jireenya namoota miliyoona 3.3 ta’utu haala hamtuu keessatti kufe.