Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni-maree Naannoo Tigiraay Paartiileen Filannoon Barcuma Hin Argatiin Hafan Akka Paarlaamaa Keessaa Barcumoota 15 Argatan Murteesse


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Manni-maree bulchiisa naannoo Tigiraay kora isaa torban dabre geggeesseen, paartiileen filannootti hirmaatanii garuu barcuma argachuu hin danda’iin hafan, paarlaamaa haaraa amma filatame keessatti sagalee malee barcumoota kudha shaniin akka qooda fudhatan labsii bahe, sagalee wayyabaan raggaasisee jira.

Murtii kana Paartiin Bilisummaa Tigiraay fi Paartiin Dimookiraasummaa Asiimbaa Simatanii jiran. Paartiin Saalsaay Weyyaanee Tigraay immoo, “kun ka deemsa dimookiraasii dadhabsiisu,” jechuun morme immoo.

Paartiin ka biraan “Baayitoonaa Paartii” jedhamu, walga’ii dhuma torban kanaa irra geggeeffatu irratti ejjennoo isaa akka beeksisu dubbate.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Manni-maree Naannoo Tigiraay Paartiileen Filannoon Barcuma Hin Argatiin Hafan Akka Paarlaamaa Keessaa Barcumoota 15 Argatan Murteesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:46 0:00


XS
SM
MD
LG