Prezidaantiin Ertraa Isaayyaas Afawarqii daw'annaan hojii gidduu kana Itiyoophiyaa keessatti Gaggeessan biyyonni lameen toora adda addaan walta'iinsa tolfataniif waltajjii walitti dhufeenyaa akka uumuu dubbi himaan ministrii haajaa alaa Itiyoophiyaa Dinaa Muftii ibsanii jiru.
Wal waraansa yeroo dheeraa booda fi calliinsa yeroo fudhatee booda waggootii darban lama keessatti hariiroon tolfame isa ture sana jijjiruun ibsameejira.
Gam lameen gidduu sadarkaan nagaan irra jiru hanga barbaadamee hin guddanne jedhamuus hariiroon hogganoota lameenii isa gara fuula duraaf bu'uura ta'a jechuun Obbo Dinaan ibsanii jiru.
Gama kaaniin lammiwwan Itiyoophiyaa Saawudii,Tanzaniyaa fi Jabuutii keessatti rakkataa turan 993 torbanneen darban 3 keessatti biyya ofiitti deebi'uun ibsameera jechuun Mallaskaachoo Ammahaa gabaasee jira.