Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaan Traamp Fi Mormituu Isaanii Baaydin Walfalmii Itti Fufanii Jiru


Paartii Demokraatotaa irraa prezidaantummaaf dorgomaa kan jiran Joo Baaydin prezidaant Traamp vaayrasii Koronaa ittisuuf deebiin kenne kan sodaa fi rifannaati jechuun qeeqqn.

Traamp garu dhukkuba lubbuu lammiwwan Amerikaa kuma 200 fi Kuma 17 galaafatee kanaaf deebiin kenne sirriidha jechuun falman.

Lameenuu Kamiisa kaleessaa galgala chaanaalii Televiziyoona adda addaa irratti sa'atii wal fakkaataa irratti gaaffii Gaazzexxessoota biraa dhiyaateef deebii kennan.

Ituu prezidaant Traamp dhukkuba Koviid-19 hin qabamnee ta'e kaleessa galgala kallattiin walitti ba'anii falmii marsaa lammataa gaggeesuuf saganteeffamee ture.

Filannoon prezodaantii Amerikaa gaggeessuuf torban lama caalaan lafa hafeetti, sodaa vaayrasii koronaaf jecha namoonni dursanii sagalee kennaa jiran Miliyoona 18 caaluu Jedhamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG