Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Walabummaa Amantii Fuula Duraaf Balaa Guddaa Dha: Ministrii Haajaa Alaa Ameerikaa


Ministriin dhimmi alaa Yunaayitid Isteetis Maayik Pompeeyoo to’annaa bulchiinsa komiinistii jala jirtu Chaayinaan walabummaa amantii fuula duraaf balaa hamaa dha jechuu dhaan daawwannaa isaanii biyyoota afurii Indoneshiyaatti ennaa xumuran dubbatan.

Poompeyoon hawaasi musliimaa irra jireessi dimokraasii simachuu isaa akkasumas wal danda’uun amantii ka biroo jiraachuu isaa Jakaartaa keessatti haasaa dhageesisaniin ibsaniiru.

Hoogganoonni amantiis dhuga baatota safuu akka ta’an gaafachuu dhaan bakka uummata amantii maraa ta’uu dhaan Poompeyoon Chaayinaan musliimota, warra Budahaa, kirstaanotaa fi kanneen biroo irratti waraana labsiti jedhan.

Diplomaatichi Ameerikaa gameessi keessumaa musliimota gosa Uighuur kanneen Xinjiang keessaa irratti gocha gara jabinaa Beejiing raawwatu tuqanii, bakka sanattis angawoota koministii chaayinaan tarkaanfiin gara jabinaa kan irratti fudhatameef waaltaalee hidhaa keessa gosoota Uhuur fi lammiiwwan sabxiqqaalee hedduun hidamanii jiraachuu ibsaniiru.

Poompeyoon itti dabaluu dhaan musliimonni Roohiingyaa humna waraanaa Maynamaar jalatti hacuuccaa irra ga’u tuqanii dhiibbaa mootummaan Iraan kiristaanota Bahaa’ii, musliimota Sunnnii fi gareelee sabxiqqaalee ka biroo irraan ga’u illee beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG