AMBOO —
Ibsa Komishiniin Poolisii Oromiyaa tibbana baaseen, mootummaan Ripxee-loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo “ABO shanee” ittiin jedhee waamu 274 irratti tarkaanfii fudhadhe jechuun beeksise. Namoota Qabaman keessaa 104 miseensota “TPLF” jedheellee ture.
Dubbihimaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa, Bilisummaa Guutaa immoo “himamaa mootummaan dhiyaatu kun dhugaarraa kan fagaate. TPLF diina WBO ti. Nuti isaan faana hin hojjannu,” Jedhan.
Guutummaa Isaa Caqasaa.