Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Itiyoopiyaa Dhimma Tigraay Irratti Wal Ga’ii Paarlaamaa Adaa Waaman  


Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed mootummaan isaanii tarkaanfii seera eegsisuu naannoo Tigraay keessatti fudhateen namoota nagana hin miidhamne jdhan. Waraanichi bifa itti gaafatamaa fi of eeggannoo qabuun hojjeta jedhan. Hoogganoonni IEWHAT gama isaaniin dilbata galgala Aksum keessatti xyyaara waraanaa dha’anii kuffisuu dubbatan.

Muummichi ministeerichaa gaaffii miseensota paarlaamaa biraa dhiyaateef ennaa deebisan, haleellaan samii irraan geggeessameef duulli ka biroon haala milkaa’ina qabuun geggeessame jedhan.

Muummichi Ministeeraa itti fufuu dhaan hoogganoonni IWEHAT ija keennya duraa dhokatanii hin jiran jechuu dhaan yeroo ammaa naannoo magalaa Agere Selaam jiru jedhan.

Gama biraan hospitaalli Meqelee keessaa meeshaalee wal’aansa fayyaa kan madoo ittiin wal’aanan itti hanqachuu isaa hojjettoonni gargaarsaa dilbata kaleessaa beeksisaniiru.

Telekominikeeshinii fi tajaajilli interneetii torbanneeniif addaan cite jira. Kun immoo gaazixeessonnii fi hojjettoonni gargaarsaa miidhaa dhaqqabe akka hin gabaasne rakkisaa taasisee jira.

Kanneen kurna kumaan laka’aman biyya hollaa Sudaanitti baqataniiru. Gabaasaalee ka biroon akka jedhanitti hookkara jalqaba baatii kanaa ka’een kumaan kan laa’amu du’uu beeksisaniiru.

Muummichi Ministeeraa Itiyoopiyaa Dhimma Tigraay Irratti Wal Ga’ii Paarlaamaa Adaa Waaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:51 0:00


XS
SM
MD
LG