AMBOO —
Godina Iluu Abbaa Boor, magaalaa Yaayyootti, Siidaan Mooticha Abbaa Boor yokaan Caalii Shoonoo dhaabbate jira.
Qindeessaan Sabaa himaalee Aanaa Yaayyoo Obbo Lalisaa Bafiqaaduu “Mootichi Caalii Shoonoo yeroo bulchiinsa isaaniitti garbummaaf hin jilbeeffadhu jedhanii daangaa isaanii waan kabajchiifataniif siidaan isaanii dhaabbachuun akka dhalootni seenaa isaaniirraa baratu gargaara,” jedhan.
Barsiisaa Mirreesssaa Fayisaa, Tumaa yokaan Seerri mootii fi Abbaa Gadaa Caalii Shoonoo tuman wal kabajuu, bosona kunuunsuu, jaalala biyyaa fi maatii akkasumas duudhaalee hedduu dhalootaaf fakkeenya tahu jedhan.
Qophii guutuu caqasaa.