Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Ferensaay Immaanu’el Maakroon Vaayiresii Koronaan Qabaman 


Faayilii - Prezidaantii Ferensaay Immaanu’el
Faayilii - Prezidaantii Ferensaay Immaanu’el

Prezidaantiin Ferensaay Immaanu’el Maakroon vaayiresii koronaan qabamuu isaanii mootmmaan beeksisee jira. . Prezidaantichi COVID-19 qabamuun kan dhaga’ame mallatoon dhibee sanaa kan jalqabaa irratti erga argamee booda qorannaa geggeessameen ta’uu ibsa waajjira prezidaantii biraa ba’e irraa hubatameera.

Mootummaan akka jedhetti Maakroon akka qajeelfama biyyoolessaatti guyyoota torbaaf qofaatti kan of baasan yoo ta’u, mana taa’uun hojii isaanii kan itti fufan ta’uun beekameera.

Prezidaantiin Ferensaay prezidaantii Briteen Booris Joonsenii fi prezidaantii Yunaayitid Isteetis Doonaald Trampiin dabalatee hoogganoota biyyaa COVID-19n qabamanitti makaman.

Jarmayaan fayaa addunyaa jalqaba baatii Amajjii garee qorannaa gara Chaayinaatti kan erge uummata addunyaa kanaa miliyoona 1.6 vaayiresiin galaafate kun maal irraa akka ka’e adda baasuuf jecha. Uummata addnyaa kanaa miliyoonni 74.2 COVID-19n qabamaniiru.

Gareen qorattootaa miseensota 10 of keessaa qabu kun galmee wal’aansa fayyaa fi qorannaa geggeessame xiinxaluu dhaan vaayiresiin koronaa attamiin bineensa irraa namatti akka darbe qoratuuf jira. Qorattoonni hedduun akka amananitti vaayiresiin bara 2019 jalqaba magaalaa Chaayinaa Wuuhaan keessatti argame simbira halkanii irratti mul’ate.

Gama biraan Yunaayitid Isteetis keessatti adeemsi sirnaa talaallii COVID-19 ka lammataa raggaasisuu kibxata jalqabamee jira.

Koreen gorsa dhimmi talaallii kan bulchiinsa nyaataa fi dawaa galmee talaallii Massaachuseets keessa kan maadheffate kampanii dawaa Modernaa fi waaltaa eegumsa fayyaa biyyoolessaan qophaa’e xiinxaluuf jira. To’attoonni jaarmayaa nyaataa fi dawaa jalqaba torban kanaa milkaa’inaa fi amansiisaa ta’uu talaalii Modernaan qohaa’ee mirkaneessaniiru.

Gurmuun gorsitootaa talaallii Modernaa raggaasisnaan, bulchiinsi nyaataa fi dawaa hanga jimaata boriitti talaalliin yeroo hatattmaa akka kennau eeyamuu mala. Kana jechuun jalqaba torban dhuftuu irra doosii miliyoona ja’a kan ta’u guutummaa Ameerikaaf raabsamuu danda’a jechuu dha.

White House kaleessa akka beeksisetti itti aanaa prezidaant Maayik Peens jimaata borii talaallii fudhachuuf jiru. Gareen yeroo ce’umsaa akka beeksisetti immoo filatamaan prezidaantii Joo Baayiden torban dhuftu keessa tallaalamuuf jiru. Kan umuriin waggaa 78 Baayiden umurii isaanii kanatti kanneen vaayiresii kanaaf saaxilaman keessaa ti.

XS
SM
MD
LG