FINFINNEE —
Gaazessummaa Kaameraatiin Finfinnee irraa madda oduu Rooyitersiif kan hojjetu – Kumarraa Gammachuu, hidhamuun isaa yakka oguma isaa waliin hidhata hin qabnetti shakkamee akka tahetti eere – Poolisiin Federaalaa. Abbaan aangoo Broodkaastiing Itiyoophiyaa, poolisii irraa kan itti himame deebiidhuma kana akka tahe dubbata.