Xurree ittiin seenan

Breaking News

Erga Waraansi Tigraay Keessaa Jalqabame Uummanni Miliyoona Tokkoo Ol Manaa fi Qehee Ofii Irraa Buqa'uun Gabaafame


Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa, Sudaan
Faayilii - Baqattoota Itoophiyaa, Sudaan

Eega waraansi Tigiraay keessatti jalqabamee as uummatni gara miliyoona tokkoo olii sababaa waraansichaan manaa fi qehee ofii irraa buqqa’uu aangawaan naannichaa tokko dubbatan, jechuun maddi oduu Rooyiters gabaasee jira.

Bulchiinsa Cehumsaa Tigiraay Mootummaan Federaalaa remade keessatti aangawaa ol’aanaa ka tahan – Obbo Gebremesqel Kaasaa, Kibxata galgala Televiiziyoona Ityoophiyaa, kutaa Afaan Tigree waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin kana dubbatan.

Akka jecha isaaniitti kanneen keessaa walakkaa ka tahan, manneen jalaa gubannaan, qehee ofii dhiisanii baqatan. Lakkoobsi aangawaan Tigiraay himan kun ka duraan namoonni Tigraay keessatti qehee ofii irraa buqqa’an 950,000 tahuu isaanii fi kanneen keessaa kumni shantamni gara biyyoota ollaatti baqachuu tilmaamame dachaadhaan dabale.

Mootummaan Federaalaa Itiyoophiyaa, eega Sadaasa 4 raayyaa ittisa biyyaa fi paartii naannoo Tigraay bulchaa ture - Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay gidduutti waraansi jalqabamee as imala gara naannoo sanatti godhamu daangessee jira.

Aangawaan Koomishina To’annaa Sodaa Balaa ka biyyoolessaa Obbo Mitikkuu Kaasaa madda oduu Rooyitersiif ibsa kennaniin, lakkoobsi aangawaa naannoo Tigiraayiin kenname sun, ka beekkannaan sirnaa kennameef akka hin ta’iin dubbatan.

Akka jecha isaaniitti, uummatni Tigiraay keessatti manaa fi qehee ofii irraa buqqa’e kuma dhibba tokkoo fi kudhan yoo tahu, “ kan miliyoona tokkoo fi kuma dhibba saddeet jedhamu qorannaa barbaada,” jedhan.

Lakkoobsichi tilmaama duraa irraa dabaluu isaa hin haalle. Jaarmayaan Dhimma baqattootaa ka Tokkummaa Mootummootaa akka jedhutti, lammiwwan Itiyoophiyaa Tigiraay irraa gara Sudaanitti baqachuun haga ammaattiyyuu hin dhaabannne. Waggaan haaraan barri 2021 eega seenee guyyaa xiqqoo keessatti namoonni gara dhibba saddeetii gahan Tigiraay irraa Sudaan gama Bahaa seenuu dubbata.

XS
SM
MD
LG