WAASHINGITAN, DIISII —
Itiyoophiyaan wal-dhibdee naannoo daangaa isheetti Sudaan waliin qabdu furuu irratti qaama sadaffaa, araara dubbachiisuuf yaadame kan hin fudhanne tahuu beeksistee jirti.
Dubbi-himaan Ministirii Dhimma alaa Itiyoophiyaa – Diinaa Muftii, biyyoonni lamaan gidduu deeninsa qaama sadaffaatii ala wal-dhibdee isaanii waliin dubbachuu danda’u jedhan.
Sudaan Kibbaa, wal-dhibdee daangaa irraa Itiyoophiyaa fi Sudaan gidduu araarsuuf carraaqaa jirti – ka jedhameef, ennaa deebii kennan kana dubbatan – jechuun, Melleskaachew Amahaa Finfinnee irraa gabaasee jira.