Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yoo Sudaan Looltoota Ishee Lafa Itiyoophiyaa Irraa Baafte qofa Karaa Nagaan Rakkoo Jiru Furra: Angawaa


Itiyoophiyaan rakkoo daangaa Itiyoophiyaa wajjiin qabdu karaa nagaan furuu kan barbaaddu ta'u irra deebitee beeksiiftee jirti. Dubbi himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Dinaa Muftii akka jedhanti kunis kat ta'u yoo Sudaan looltoota ishee lafa Itiyoophiyaa irraa baafte qofa.

Mariin gam lameen giddutti gaggeeffamuu kan danda'uus looltonni ishee yoo ba'an qofa jedhu

Ministeera haajaa alaa fi itti aanaa munnicha ministeera Itiyoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnan torban dabree ministeera haajaa alaa Yunaaytis Kingdam Domaniik Raab fi ministrii dantaa alaa Amerikaa keessatti itti aanaa dhimmootii Afrikaa waliin marii gaggeessuu isaanii Obbo Dinaan ibsanii jiru.

Gama kaaniin oduu gabaastoota midiyaalee addunyaa kanneen Tigraay seenuun gabaasuu fedhaniif mootummaan Itiyoophiyaas ta'e ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa qophii irra akka jiru ibsan.

Dhuma irrattis torban dabree lammiwwan Itiyoophiyaa 300 Saa'udii Arabiyaa irraa Finfinnee seenuu isaanii ibsameera jechuun Mallaskaachoo Ammahaa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG