Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buna Qalaa:  Nyaata Aaadaa Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa Keessatti Beekamu 


Magaalaa Naqamteetti haadha qabeenyaa mana nyaata aadaa Aadde Aagee Mangistuu
Magaalaa Naqamteetti haadha qabeenyaa mana nyaata aadaa Aadde Aagee Mangistuu

Buna Qalaan nyaata adaa Uummata Oromoo keessumaa Oromiyaa Lixaa fi Kibbaatti beekamu yoo tahu, nyaata yeroo ayyaanaa, cidhaa, moggaasaa daa’immanii, ateetee akkasumas yeroo keessummaan mana namaa dhaqu dhiyaatudha.

Buna Qalaa:  Nyaata Aaadaa Oromiyaa Lixaa fi Kibbaa Keessatti Beekamu
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:48 0:00

Buna Qalaan buna, dhadhaa ho’aafi mi’eessituu adda addaan akka hojjatamu dubbatu, magaalaa Naqamteetti haadhi qabeenyaa mana nyaata aadaa Aadde Aagee Mangistuu.

Buna Qalaa sababaan jedhameefis, fiixeen bunaa muramuun, dhadhaa fi mi’eessituun akka keessa seenutti waan hojjetamuufi jedhu ogeettiin nyaata aadaa kun.

Qorataa aadaa fi seenaa Oromoo Obbo Charinnat Waaqwayyaa aadaan nyaata Buna Qalaa akka dhaloota dhufutti darbuuf haalaan ol kaa’amuu qaballee jedhan.

XS
SM
MD
LG