WAASHINGITAN, DIISII —
Prezidaantiin Yuunaaytid Isteetes Joo Baaydin waajiira akkuma qabataniitti guyyaa duraa imaammatni godaantootaa fi ugguurri imalaa biyyoota Islaamaa fi Afrikaa irra kaa’amee ka Prezidaantiin duraanii, Doonaald Traamp itti fayyadamaa turan akka dhaabtu ajaja dabarsan.
Kana jechuun Amerikaafis ta'e godaantootaaf maal jechuu dha? kan kutaa Minesootaa magaalaa Seentpool jiraatan Abukaatoo dhimma immigreeshinii fi kanneen biroo ka ta'an Obbo Israa'eel Gobanaa waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.