Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden kaleessa yeroo jalqabaaf haasaa ministrii dantaa alaatti dhageessisaniin mul’ata isaanii kan imaammata alaa ibsanii jiru.
Ibsi isaanii haaraan mala haaraa US ittiin biyyoota kan akka Chayinaa, Kooriyaa Kaabaa, Raashiyaa fi Iraan itti keessummeessitu kan adda ba’e utuu hin ibsin Baayiden micchoota rakkoo addunyaa dura dhaabbatan dhaqqabuuf karoora qaban ni ibsu jedhamee eegama.
Dubbi himtuun White House Jen Psaki roobii darbe ennaa ibsa kennan akka jedhanitti Baayiden waa bal’aa dubbatuuf jiru, garuu imaammata alaa ilaalchisee bal’inaan hin dubbatan jedhan.
Psaakiin akka jedhanitti prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Ameerikaan dhimma chaayinaa ilaalchsee michoota ishee waliin ni hojjetti jedhan. Dubbi himaan miinistrii dhimma alaa Ned Price guyyuma sana ibsuma wal fakkaatu irra deebi’aniiru.
Minisriin dhimma alaa Antony Blinken VOA biraa gaaffii dhiyaateef torban darbe deebii kennaniin hariiroon Yunaayitid Isteetis fi Chaayinaa gidduu addunyaan fuula duratti akka tarkaanfattu gochuuf hariiroo baay’ee barbaachisaa dha jedhan.
Haasaan Baayiden har’aa kan dhaga’ame US mala haaraa Chaayinaa waliin hariiroo uumuu ennaa yaaddy angawoonni immoo Washington imaammata tarsiimoo obsa jedhu hordofa jedhan. Chaayinaa biraa meeshaalee dhiyaatanii fi yaaddoo basaasa Chaayinaa attamiin qabuun akka irra jiraatu kan bulchiinsichi dursa kennuuf keessaa ti.