Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Ertiraa Tigiraay Keessa Jiran Ammallee Yaaddoo Akka Qaban Dubbatu  


Baqattoonni Ertiraa, naannoo Tigiraay, mooraa Baqattootaa Maa’ii Ayinii keessa qubatanii jiran fi hookkara waraansaa, yaalii butinsaa, haleellaa milishoota aaraniin irratti geggeessamuu fi nyaata malee guyyootaaf turuu irraa lubbuun hafan ammallee akka yaaddoo qaban, maddi oduu Faransaay, Ajaans Firaansi press gabaasee jira.

Ajaansi Fraansi Press akka jedhutti Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa, Abiyyi Ahimed, walittti-bu’ansa hamaa, kan hunda caalaa baqattoota Ertiraa balaaf saaxile xumuruuf muddamaniyyuu, gidiraan isaanii waan xumuramu hin fakkaatu.

Biyya mootummaa abbaa-irree fi cuqursaan bultu, kan gama Kaabaan Itiyoophiyaa daangessitu Ertiraa irraa dheessan baqattoonni gara kuma dhibba tokkoo tahan, yeroo waraansichi baatii Sadaasaa keessa mootummaa federaalaa Muummicha-ministaraa Abiyyi Ahimediin hoogganamuu fi ka taayitaan mootummaa naannoo Tigiraa harka isaa ture – Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay gidduuutti ka’e sana, Tigiraay, mooraalee baqattootaa afur keessatti galmaawanii qubatanii turan.

Mooraalee afuran keessaa lama – mooraan Hitsaatsii fi Shimelmaa, waraansa sana keessa bu’an. Jaarmayaan Baqattootaa ka Tokkummaa Mootummootaa fi Jaarmayaan Dhimma Baqattootaa fi Kanneen Baqarraa Deebi’anii isaaniif dhaqqabuu hin dandeenye. Waa’ee baqattoota sanaa odeeffannoo qabatamaa argachuu ilaachisee qaawwaan uumame, akka hamiin yaaddessaan adda addaa faca’u taasise.

Baqattoonni Ertiraa sun loltoota Ertiraa waraansicha Tigiraa keessaatti hirmaatan, jedhamuun haleellaan ajjeechaa fi butinsi itti xiyyeeffate – gabaasaalee jedhan ilaachisee Tokkummaan Mootummootaa yaaddoo isaa ibsee jira.

Ministiriin Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetisis torban dabre keessa, waa’ee saaminsii fi hookkarri quunnamtii-saalaa mooraalee baqattootaa sana keessa jiraachuuu – gabaasaaleen qabatamoo tu jira, jechuun ibsee ture.

XS
SM
MD
LG