Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Qilleensaa Hamaan Lammiiwwan Ameerikaa Miliyoonaan Laka’amu Irraa Dhiibbaa Kaa’e 


Lammiiwwan Ameerikaa miliyoonaan laka’aman haala qilleensaa qabbanaa’aa fi bubbee hamaan yeroo ammaa dhiibbaa irraan ga’ee jira. kutaa Teeksaas gama kibbaa keessaa hedduun humni ibsaa fi dhiyeessiin bishaanii duraa cite jira.

Bulchaan kutaa Teeksaas Greg Abbott fi hoogganaan waldaa humna ibsaa kutaa sanaaf akka jedhanitti, roobii kaleessaa dhiyeessiin humna ibsaa fooyya’ee jira jedhanii, uummati hanga ibsaan guutummaan bakkatti deebi’iutti qofaa rakkata jedhan.

Angawoonni, uummati Teeksaas kanneen miliyoona 7 ta’u caasaa bishaanii irra miidhaan waan ga’eef jecha bishaan dhuguu dura akka danfisan gaafataniiru. Bu’uurri misoomaa miidhamuun hedduun ibsaa dhabanii qorra keessa akka turan taasisee jira. kunis deebii fi itti gaafatamummaan akka jiraatu taasisee jira.

Kutaan Teeksaas haala hin barataminiin qilleensa qabbanaa’aan isaan mudatee jira. Dalaas keessaa haalli qilleensa yeroo akkasii degeree 16 yoo ta’u roobii kaleessaa garuu zero dha gad degeree 3 ture. Haalli qilleensa hamaa kanaan Yunaayitid Isteetis keessaa yoo xiqqaate namoonni 30 du’aniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG