Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Namoota Talaalii COVID-19 Fudhachuu Barbaadanii Dabalaa Adeeme 


Qorannaan sadarkaa addunyaa tokko akka mul’isutti xmura bara 2020 waliin wal bira qabamee ennaa ilaalamu biyyoonni hedduun talaallii COVID-19 fudhachuu kan deggeran ta’uu qorannaan sadarkaa addunyaa tokko mul’isee jira. kanneen keessaa irra hedduun Briteenii fi Swidinii ta’uun beekamee jira.

Dhaabi quunamtii walii galaa Keksit har’a’ maxxansa baaseen ba’iin qorannaa biyyoota ja’a Biriteen, Ferensaay, Jarmanii, Jaappaan, Siwidinii fi Yunaayitis Isteets keessaa ifa taasise.

Yaadi uummataa akka mul’isutti lammiiwwan Briteen dhibba irraa harki 89 amma tallaalii fudhachuu kan barbaadan yoo ta’u lakkoobsi kun baatii Fulbaana darbee dhibba irraa harka 65 ture.

Swidinii keessaa immoo kan baatii fulbaana keessa talaallii fudhachuuf namoonni fedha agarsiisan dhibba irraa harka 51 ture, amma gara dhibba irraa harka 76tti ol guddatee jira.

Waaltaan ittisaa fi to’annoo dhukkubootaa dawaa Johnson & Johnson jedhamuun talaallii oomishame raggaasisu dhaan ga’eessonni waggaa 18 ol akka fudhatan sagalee guutuun muteessee jira.

Talaaliin Johnson & Johnson miliyoona 4 ta’u hanga bor ganamaatti kan raabsamu ta’uu angawoonni waaltaa sanaa beeksisaniiru.

Hanga dilbata kaleessa galgalaatti lammiiwwan Ameerikaa miliyoona 28.6 ta’u COVID-19n yoo qabaman 513,000 ol immoo vaayiresii kanaan du’uu waaltaan qorannaa Johms Hopikins beeksisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:54 0:00
More
XS
SM
MD
LG