Tigraay keessatti ajjeechaa, humnaan buqqisuu fi godaansisuu, humnaan gudeeddii fi dhiittaa mirga namoomaa hahamoo kanneen biroo akkasumas dararaa qaamota hedduun raaw’atame, kan dhaabatonni hedduun gabaasan jabeessinee mormiina, jechuun Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Bilinken ibsa baasan.
Humnoonni Ertiraa fi humnoonni naannoo Amaaraa akka Tigiraay keessaa bahanis gaafatanii jiru.
Ibsichaaf ka deebii kenne Ministiriin Dhimma-alaa Itiyoophiyaa immoo “Kan nama gaddisiisu,” jechuun kun akka dhimma keessoo biyya walabaa tokko gidduu seenuutti kan ilaalamu tahuu dubbate.
Ibsa Ministeera Dhimma alaa Yunaayitid Isteetisii fi deebii Ministiriin Dhimma alaa Itiyoophiyaa kenne caqasaa.