Xurree ittiin seenan

Breaking News

Covaxin, Talaalliin  COVID-19 Hindii Keessatti Oomishame Vaayrasiicha Ittisuutti Milkaahaa Jira


Pirezdaantiin Hindii yeroo talaallii COVID-19 fudhatan
Pirezdaantiin Hindii yeroo talaallii COVID-19 fudhatan

Kan Hindii keessatti yeroo jalqabaaf oomichame talaalliin COVID-19 vaayiresicha dhibba irraa harka is 81 ittisuu kan danda’u ta’uu galmeen qorannaa roobii kaleessaa ba’e beeksisee jira.

Talaallii haaraan Covaxin jedhamu Hayderbaad keessa kan maadheffate kampanii dawaa Bharat Biotech fi kan mootummaan dgeeramu gumii qorattoota fayyaa Hindiin oomishame. Ba’iin kun kan ibsame, xiinxala duraa kan yaalii talaallii kanaa sadarkaa dhumaa namoota kuma 25 kanneen umuriin waggaa 18-98 gidduu jiru irratti yaalameen ta’uun ibsameera.

Qrannaan jalqabaa ka biroon akka ibsutti talaalliin kun yeroo lama yoo fudhatame vaayiresii koronaa haaraa Brieen keessatti argame irrattis ni hojjeta.

Biyyoonni 40 Baahireen, Maldiivis, Mongooliyaa, Maaynamaarii fi Filippiins dabalatee ol ta’an talaallii Covaxin jedhamu kan barbaadan ta’uu ibsaa jiran.

Gama biraan to’attoonni dawaa kan gmtaa Awrooppaa akka jedhanitti talaallii Raashiyaatti oomishame kan Sputink V jedhu xiinxaluu ka jalqaban ta’uu beeksisan.

Adeemsa kanaanis dhaaboliin dawaa Awrooppaa qorattoonni hatattamaan akka raggaasisamutti, ba’ii jalqabaa kan yaalii dawaa sanaa akka xiinxalamu battala akka dhiyeessan eeyamanii jiru.

Qorattooni kanneen biroon maxxansaa The Lancet medical jedhu irratti baatii darbe maxxansaniin talaalliin Sputink V lama yoo fudhatame mallattoo dhibee COVID-19 fidu ittisuuf dhibba irraa harka 92 itti milkaa’eera jedhan.

Gama biraan gabaasi haaraa ba’e akka jedhutti namoonni ulfinni qaama isaanii guddaa ta’e koronaan qabamanii du’uuf carraan qaban ol aanaa dha.

Federeeshiniin dhimma ulfaachuu qaamaa addunyaa gabaasi baase kun, namoota miliyoona 2.5 COVID-19n qabamanii du’an keessaa miliyoonni 2.2 biyyoota namoonni ulfinni qaama isaanii guddaa ta’e keessaa ti. kanneen kunis Yunaayitid Isteetis, Briteenii fi Xaaliyaanii dabalata.

XS
SM
MD
LG