Xurree ittiin seenan

Breaking News

Matakkalitti Namoonni 26 Humnoota Mootummaan Ajjeesamuu Dubbatu, Namoonni Ijaan Argine Jedhan


Faayilii - Namoonni sababa rakkoo nageenyaa naannoo Benishaangul Gumuzn qehee ofii irraa buqahan qaqaarsa yeroo fudhatan
Faayilii - Namoonni sababa rakkoo nageenyaa naannoo Benishaangul Gumuzn qehee ofii irraa buqahan qaqaarsa yeroo fudhatan

Naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakkal, Aanaa Dibaaxeetti torban darbe keessa dhalattootni Gumuz 26 humnoota naga eegumsaa mootummaan ajjeefaman jechuun kanneen argine jedhan keessaa dubbatan.

Aanaa Dibaaxeetti Namoonni 26 Humnoota Mootummaan Ajjeesamuu Daubbatu Namoonni Ijaan Argine Jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:10 0:00

Komishinarri Koomishinii Poolisii Naannoo Benishaangul Gumuz, Abdullaziiz Mahaammad, Dibaaxee keessatti ajjeechaan humnoota naga-eegumsaa mootummaan raawwatame hin jiru jechuun haalanillee, hidhattootta Sosochii Diimookiraatawaa Uummata Gumuz irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuusaanii dubbatanii jiran.

Gama biraan, Bulchaan Aanaa Dibaaxee, dhimmicharratti qaamni odeeffannoo kennuu danda’u, Qindeessaa Komaand Poostii godina Matakkal bulchaa jiru jedhaniiru. Haa ta’u malee, Anga’ootni Komaand Poostii Godinichaa dhimma kanarratti ammaaf deebii hin kennine.

XS
SM
MD
LG