Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Angawaan Poolisii Waggaa Darbe Gurraacha Ameerikaa Joorj Filooyidiin Ajjeese Jechuun Himatame Yakka Ilaalchatti Dhiyaate 


Waggaa darbe gara jabina poolisii fi logii sanyii tooftaan geggeeffamee ilaalchisuun hiriirawwan mormii kan kakaase ajjeechaa Joorj Filooyidiin kan himatame Derek Chauvin irratti manni murtii kutaa Minnesootaa yakka ilaalcha geggeessu kamisa har’a itti fufee jira.

Gareen murtii seeraa roobii darbe, kaameeraa poolisiin huccuutti kaayyatu irraa viidiyoo daqiiqaa 20 ennaa poolisiin konkolaataa Filooyiditti deemuu fi ennaa inni Ambulaansii keessa kaa’amu daawwatee jira.

Filooyid nama qaamni isaa guddaa ture, waan waa fudhate fakkaata jedhe Chauvin.

Chauvin Filooyid afuura baafachuu hin danda’u utuu jedhuu daqiiqaa 9 fi sekoondii 29f morma Filooid irra jilba isaan dhaabate. Poolisii adii kan ta’e Chauvin, Flooyiid du’ee guyyaa tokko booda kutaa poolisii magalaan hojii irraa ari’aame.

Grumuun murtii seeraa Filooyid utuu hin ajjeefamin yeroo hanga tokko dura nama suuqii keessaa Filooyiditti tamboo gurgure dabalatee namoota ragaa ba’an hedduu irraa dhaga’ee jira

Poolisiin ajjeechaan himatame balleessaa hin qabu jedhee jira. Abukaatoon isaas sirna leenjii fudhatee hordofe, Filooid kan du’eef dhibee onnee fi dawaa sammuu adoochu waan fudhateef jechuun falme

Bulchiinsi magaalaa Minneapolis maatiiwwan Filooyidiif balaa fi dararaa dhaqqabeef gumaa doolaara $27 kennuuf walii gale.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:54 0:00
More
XS
SM
MD
LG