Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Joorj Flooyidiif Poolisiin Himatametu Balleesse Jedhu Hayyuun Dhimma Humnaan Gargaaramuu Xiinxalan 


Kan waggaa darbe ajjeefamuun isaa mormii guddaa kaasise kan Joorj Filooyidiin kan himatame angawaan poolisii Minniapolis duraanii Derik Chaawvin irratti murteessuuf ragaalee itti dabalaa akka dhiyaatan eegamaa jira.

Hoogganaan poolisii kutaa Los Angeles Jody Stiger kan akka ragaa himannaa sanaatti dhiyaatan hayyuun dhimma poolisiin humnaan gargaaramuu kaleessa akka jedhanitti Dhawuvin jilba isaan morma Filooyid irra daqiiqa sagalii fi walakkaa utuu hinni harki isaa hidhamee fuulaan lafatti jigee jiru irra dhaabachuun sirrii hin turre jedhan.

Stiijer akka dhugaa ba’anitti, Filooyid Chaauvin utuu humna isaa guutuu dhaan utuu Filooyid hafuura baafachuu hin danda’u jedhee iyyatuu isaaf nama sodaachisu hin turre jedhan.

Yaadi ani kennu, nama akkasitti lafa ciisee jiru irratti humna gargaaramuun barbaachisaa hin turre jedhan. Ulfina qaama namaa akkaataa sanatti nama irra kaa’uun ukkaamsee nama ajjeesuu danda’a jedhan.

Chawuvin poolisii adii hamma hojii dhaa ari’amutti waggaa 19f nama tajaajile ture. kan umuriin waggaa 46 Filooyid lammii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa yoo ta’u, abukaatoon Chuwaavin akka jedhanitti kan inni du’eef sababaa rakkoo fayyummaa qabuufi, Chuwaavin leenjii poolisii fudhate fayyadame jechuun falman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG