Xurree ittiin seenan

Breaking News

Simannaa fi Yaada Ijaaraa Finfinnee Irraa Dhaga’amu Qabatamaan Hojii Irra Ooluu Mirkaneessuu Qabna:Angawaa Amerikaa


Dubbii himaan ministrii dantaa alaa Yunaaytid Isteetes Need Praayis Kamiisa kaleessaa filannoo biyya Beeniin, Chaad akkasumas waa’eeItiyoophiyaa kan ilaaleen ibsa kennaii jiru.

Filannoo Beeniin fi Chaad keessaa itti dhiyeenyaan hordoofaa jirra jedhanii kanneen filannootti hirmaatan martii karaa nagana ta’u akka qaban, uummanni biyyoota lameenis filannoo Demookraatawaa ta’e karaa nagaan gaggeessuuf fedhii qaban nu gala jedhan.

Itiyoophiyaa kan ilaaleen Praayis akka jedhanti hogganni Itiyoophiyaa hangam dhimmi kana cimsinee akka ilaallii beeka.Hogganni Itiyoophiyaa dhaamsa keenya kan kallattiin bira ga’ees ta’e karaa adda addaa akka dhaamsaatti bira ga’e wal fakkaataa dha jedhan.

Yaaddoon keenya gabaasaalee qabatamoo waa’ee Tigraay keessaa ilaallatan kan iccitii hin qabneetu jira jedhanii karaa itti gargaarsii gamas seenuu dhaabata misooma biyooleessaa kan Yunaaytid Isteetes keessatti gareen gargaarsa yeroo balaa boobaasuu isaa ibsan.

Amma hojiin nu fuula dura jiru simannaa fi yaada Ijaaraa Finfinnee irraa dhaga’amu qabatamaan hojii irra ooluu mirkaneessuu dha kan jedhan Mr. Praayis mootummaan Itiyoophiyaa rakkoo gargaarsa dhala namaa kan Tigraay keessaa dura dhaabata jennee shakkii hin qabnu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG