Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaaitti Jilli Addaa Tokkummaa Mootummootaa Biyyattiin Filannoo Geggeessuu Qabdi jedha 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

David Shearer dalagaa sadarkaa ol aanaa kan Sudaan kibbaa keesaa akka dhiisan beeksisanii, addunyaa irraa biyyi dhiyeenya hundoofte tuuristii kan hawattuu fi dinagdee ishee kan guddisu boba’aa fi albuudaan badhaadhuuf biyya dandeettii qabu ta’uu ishee kan amanan ta’uu beeksiste.

Kun ta’uu kan danda’u malaammaltummaa dhabamsiisee mootummaa ifaa fi banaa ta’e yoo hundeesse qofa jedhan.Sudaan Kibbaa waggaa kurnaffaa Sudaan jalaa walabummaa ishee labsatte Adoolessa 11 kabajji. Walii galtee nageenyaa bara 2018 booda mootummaan ce’umsaa hundaa’ee, bara 2020 walii galteen lola dhaabinsi tolfame.

Shearer Associated Pressf akka himanitti yeroon kun yeroo biyyattiin filannoo irratti fuulleffahuun motummaa fudhatama qabuu fi uummanni filate qabaattu dha jedhan.

"Fuula duratti ennaa deemnu kun iyyata maraa ta’uu qaba. Nama maraa hirmaachisuu dhaan mootummaa irra dhiibbaa kaa’uu dhaan yaada isaanii ibsanii filannoo geggeessuutu barbaachisa. Uummati yaada isaa akka ibsuuf eeyama kennuufii qabna jedhan.

Sudaan kibbaa ennaa iseen walabummaa yeroo dheeraaf qabsaa’aafii turte gonfatte nagaa fi tasgabbiin akka bu’u abdii guddaatu ture. haa ta’u malee Muddee bara 2013 ennaa humnoonni prezidaant Saalvaa Kiirf amanamoo ta’an warri Dinkaa loltoota Riyaak Machaariif amanamoo ta’anitti lola banan biyyatiin hookkara gosaa keessa seente.’

Wal waraansa sanaan uummanni 4000,000 ta’an ennaa dhuman kanneen miliyoonaan laka’aman qe’ee ofii irraa buqqa’aniiru.

Shearer akka jedhanitti Kiir fi Machaar mormituu walii ta’anis waliin hojjetaa jiran. Lamaanuu prezidaantummaaf dorgomu jedhanii kan abdatan ta’uu beeksisan. Golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaas walakkeessa baatii Adoolessaatti kan qophaa’u filannoo ilaalchisee qorannaan furmaataa akka geggeessamu gaafatee jira.

XS
SM
MD
LG