Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awrooppaa Biriteen Waliin Walii Galte Daldalaa Raggaasise 


Gamtaan Awrooppaa gamticha keessaa erga baatee booda Briteen waliin walii galtee daldalaa raggaasise. Ba’iin isaas roobii har’aa ifa kan taasisame, seera tumtoonni gamtaa Awrooppaa sagalee 660 fi kan mormii shaniin kan raggaasisan yoo ta’u, miseensonni 32 sagalee hin kenning hafan.

Sagalee kennuun kun yeroo marsaa daldalaa kan Briteenii fi biyyoota gamtaa Awrooppaa kanneen biroo 27 gidduu waggoota dheeraaf falmisiisaa tureef tarkaanfii isa dhumaa ti.

Prezidaantiin mana maree Awrooppaa Carles Michel sagalee sana simatanii, hariiroo gamtaa Awrooppaa fi Briteen gidduu jiruuf fooyya’iina guddaa fi bara haaraaf daandii kan saaqu jehdan.

Gareen lamaan hanga paarlaamaan Awrooppaa raggaasisutti eegaa kan turan yoo ta’u, erga baatii muddee xumuraa jalqabee akka walii galtee daldalaatti haala irratti hundaa’uun hojjetaa turan. Briteen gamtaa Awrooppaa eessaa ba’uuf adeemsi kan jalqabame bara 2016 sagalee hiree murteeffannaa uummataan ture.

Briteen bara 1973 qabee miseensa kan turte yoo ta’e, yeroo dheeraaf lafa irra harkifamaa erga turee booda Amajjii bar 2020 gamtaa Awroppaa keessaa baate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG