Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Chaad Mootummaa Haaraa Muudus Mormitoonni Garuu Fudhatama Dhabsiisan 


Du’uu prezidaant Idriss Debii booda waraanni Chaad dilbata kaleessaa mootummaa haaraa moggaasee jira, hooggantoonni mormitootaa garuu fudhatama dhabsiisuu dhaan muudamni kun ajajuma dullacha isaan ni hafa jedhanii abdatanii ta’uu beeksisan.

Deebiin adda waraanaa lola ripxe loltootaan geggeessamu irratti baatii darbe du’uun hooggana isaanii kan waggoota 30 xumuraan kan ga’e yoo ta’u, biyyattii Afriikaa waaltaa kan jihaada naannoo sana keessaatti duuluu irratti warreen dhiyaa waliin michuu yeroo dheeraa taate keessatti rakkoo kakaasee jira.

Manni maree waraanaa ilma Debii Mahamat Idriss Debiin hoogganamu, erga abbaan isaanii du’anii booda aangoo kan qabate yoo ta’u, baatilee 18 keessatti filannoo geggeessuuf waadaa seene jira. Biyyattii koloneeffattee kan turte Ferensaay mana maree sanaaf deggersa qabdu ibsitee jirti, garuu mormitoonnii fi ripxe loltoonni aangoon sun ilmatti darbuu mormuu dhaan mootummaa fonqolchuu dha, waraanni aangoo jiru mootummaa siviliin hoogganamuuf gad dhiisuu qaba jedhan.

XS
SM
MD
LG