Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiwumaan Raaytis Waachii fi Amnestii Internaashinaal Ibsa Waajjirri Abbaan Alangaa Fixiinsa Aksum Ilaalchisee Kenne Irratti Ibsa Baasan


Konkolaattota Tokkummaa mootummootaa, Tigraay naannoo Aguwaalaa, Caamsaa 8, 2021
Konkolaattota Tokkummaa mootummootaa, Tigraay naannoo Aguwaalaa, Caamsaa 8, 2021

Waajjirri abbaa alangaa walii gala Itiyoopiyaa Sadaasa bara 2020 naannoo Tigiraay, magaalaa Aksuum keessatti ajjeechaa fi dararaa humnootii Itiyoopiyaa fi Eertraatiin raawwatame, jedhame irratti qorannaa geggeessuu isaa eeruun ibsa torban dabre kenneen namoonni waraansa sana keessatti du’an irra jireessi kanneen waraansichatti hirmaatan jechuun isaa, ajjeechaa fi miidhaa siivilota irratti geggeessame kan ilaalcha dorkate jechuun gareeleen mirga namoomaa Hiwumaan Raaytis Waachii fi Amnestii Internaashinaal ibsa baasan.

Hiwumaan Raaytis Waachii fi Amnestii Internaashinaal Ibsa Waajjirri Abbaan Alangaa Fixiinsa Aksum Ilaalchisee Kenne Irratti Ibsa Baasan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:25 0:00

Hiwumaan Raaytis Waachi ba’iin ofii isaa akka mul’isutti dhiirota siviilota ta’aniif kanneen hidhatan hangi tokko garee milishaa Tigraayitti dabalamuu dhaan gaara May Quhoo jedhamu irratti loltoota Eertraa waliin walitti bu’an.

Haa ta’u malee ibsa abbaa alangaa keessatti waan mul’ate kan isaan utuu hin tuqin hafan jechuun humnoonni Itiyoopiyaa torban isaan magaalattii to’atanitti kan raawwatame saamicha bal’aa fi Sadaasa 28- 29tti sa’a boodaa qabee, sa’aatilee 24 oliif fixiinsa suukaneessaa humnootii Eertraan raawwatame dha.

Amnestii Internaashinaalgama isaan fixiinsa sanaan siivilonni dhibbaan laka’aman ajjeefamuu galmeessee jira. Haa ta’u malee ibsi abbaa alangaa akka jedutti kanneen ajjeefaman loltoota TPLF gaarreen naannoo magaalattii irra kan turan loltoota Eertraa kennaan haleelan jedhee jira. Ragaan Amnestiin walitti qabe akka mul’isutti jedha ibsi isaa kun, kanneen fixiinsi irratti raawwatame irra hedduun, jiraattota magaalaa Aksuum siivilota ta’an kanneen lol asana jalaa baqataa turan. kanneen ijaan arganii Amnesty International dubbisee fi ennaa dhukaasi sun jalqabe bakka sana turan siivilota dhiiraa fi dargaggootaa kanneen dheessuuf yaalan irratti dhukaaafame. Loltootatti dhukaasuu manna humnoonni eertraa nama nagaatti dhukaasaa turan jedhan.

XS
SM
MD
LG