Guyyaan Afriikaa kan bara kanaa Afriikaa ishee barbaannu hundeessuuf oguma, aadaa fi hambaawwan seenaa irratti fuuleffata. Qabeenyaan badhaadhan fi hambaawwan aadaa fi uumamaa misooma waariinsa qabu, hiyyummaa xiqqeessuu akkasumas nagaan akka buufatu gochuuf barbaachisaa dha. Ardittiin rakkoolee sababaa weeraa COVID-19n mudatan dura dhaabbachuuf yaaliin gochaa ennaa jirtu kanatti guddina dinagdee hunda haammachiiseef bu’uura ta’uu danda’a.
Adda addummaa hundee gad fageeffatee fi rakkoof saaxilamuu kan ifa baase COVID-19 kufaatii sadarkaa addunyaaf sababaa ta’e. Guutummaa AFriikaa fi sana irra darbees injifannoo carraa misoomaa jiran balaa irra buuse.
Weerarri kun adda addummaa fi bulchiinsa dadhabaa biyyootii hedduu saaxiluu dhaan keessumaa rakkoo tajajila eegumsa fayyaa, barnoota, dhiyeessii elektrksitii, bishaaniif qulqullinni naannoo akka hammaatu godhe. Dhiibbaan weerara kanaa rakkoo qilleensa naannoo, kan akkaan biyyootii guddataa jiran miidhu hammeesse.
Weerara kana dhaabsisuuf akkasumas dinagdee dandammachiisuu gargaaruuf galma dinagdee waarinsa qabu galmaan ka’uuf, talaalliin COVID-19 bifa haqa qabuun mara akka inni dhaqqabu mirkaneeffachuu qabna.
Yeroo ammaa biyyota gidduutti raabsii talaallii kana agama ilaaleen wal caalmaa guddaatu jira. Lakkoobsi dhiyeenya ba’an akka agarsiisanitti, hanga ammaatti biyyoota Afriikaa keessaa dhibba irraa harka lama qofaatu talaallii kana fudhatan jechuu dhaan muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa guyyaa Afriikaa irratti ergaa dabarsanii jiru.