Haalii nageenyaa fi gargaarsaa namoomaa tigiraay keessa jiru ji’a kan keessas akka fooya’iinsaa hin agarsiifne gabasinii gabaastuun VOA Margaareet Besheer haanga’oota mootumoota gamtoomanii caqasuudhaa dhiheesite himeera.
akka gabaasinii kun jedhutti , lollii amma yuu adeemaa jiru sochii hijjatootaa gargaarsaa namoomaa danquuti jira.
Ji’a caamsaa derbe keessa hookorrii saalaa dirqii irratii hundaa’e 500 ni ol galamaawaee ture. Kana keessaa dhimmi 70n kan ijoollee durbaa wagga 18 gadii irrati raawwatameedha.
Akka hojjatoonii namooma jedhaniti caamsaa 1 jalqabee sochii godhameen namootan gargaarsa argachuu qaban miiliyoonii 5.2 keesaa namootta torban darbee gargaarsa argatan 654,000 dabalatee amma amaatti kan qaqabamuu danda’me nama miiliyoonii 2.3 qofa.
Gargaarisii tasiifamee waan lakkoofsa namootaa gargaarsaa barbaadanii irraa fagoo ta’eef ammas haalii gargaarsaa qaqabsiisuu akka mijataa ta’u qaamoleen gargaarsaa gaafachaa jiru.