WAASHINGITAN, DIISII —
Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatti, itti Gaafatamaan naannoo Oromiyaa, “Filannoon marsaa 6ffaa Oromiyaa keessatti nagaan deemsisamee xumurame,” jedhan.
Gama biraan, godina Shawaa Lixaatti kaleessa konkolaachisaan ambulaansii tokko hidhattootaan ajjeefamuu hamanii, sodaa aanaalee muraasa keessatti mudaterraan kan hafe filannoon rakkoo nageenyaa malee xumurame, jedhanii jiru. Naakoor Malkaa tu Ambo irraa gabaase.