WAASHINGITAN, DIISII —
Waa’ee mootummaan Itiyoophiyaa waraana isaa Tigiraay keessaa baasuu fi lola-dhaabinsa gama tokkoo labsuu ilaalchisee dhaabbatoota adda addaa irraa xiinxaltoonni yaada isaanii kennaa jiran.
Dhaabbatoota sadii, jechuun – Waaltaa Afrikaa kan Atlantik Kaawunsil fi Instiitiyuutii Nagaa kan Yunaayitid Isteetis akkasumas Waaltaa Tarsiimoo fi Qorannoo Sadarkaa Addunyaa (CSIS) jedhamu irraa xiinxaloonni Raadiyoon Sagalee Amerikaa dubbise yaada kennan caqasaa.