Daangaan Godinaa Oromiyaa shawaa bahaa fi ka naannoo Amaaraa Shawaa kaabaa jidduu jiru haalaan sirrachuu dhabuun rakkoo nageenyaaf sababa ta’aa jiraa jedhu jiraattonni.
Keessumaa jiraattonni Aanaa Waaqoo nageenya naannookanaa irra kan booressu warra jeequmsarraa galii argatu fi saamudha jedhu.
Yoo dubbatanis, ‘aanaan Minjaar Shonkooraa shawaa kaabaa fi godinni shawaa bahaa qaamolee bulchiinsaa walitti dhufeenya gaarii jedhamu qabanuudha’ jedhan.Dabalaniis ‘sanaan ala dhuunfaan walitti bu’uun ni jira, cileef bosona gubuu, dhuunfaan wal ajjeesuufaan jiraachuu mala; sochiin adda tahe hin jiru, angawoota ka naannoo Oromiyaa duukas walitti dhufeenyaan hojjenna’ jedhan.
Obbo Taaddesee waa’ee taappeellaa dhaabame jedhamee yoo deebisan, ‘dhimma kana ilaalchisee taappeellaan asitti dhaabate fi achitti dhaabateen walitti hin buunu, haala dura tureen itti fufna biyyi keenyas jijjiiramarra jira kan jedhuun marii gooneerra’ jedhu.
Dhimmi taappeellaas gaaffii jiraattotaa odoo hin taane kan bulchiinsaa tahuu yaada kennu, kanaafis waan kana akka gaaffii jiraattotaatti murteen kennama jedhan yaada isaanii xumuraatiin.
Obbo Taaddeseen dabaluun haga yoonaa rakkoon gaggeessitoota godina lameenii ol tahe hin jiru jechaan dabalanii dubbataniiru.
Boosat fi Fantaallee lafti isaanii seeraan ala weeraramaa jiraachuu nageenyi naannoo akka jeeqamu taasiseera jechuun komii qaban himu.
Waaqayyo Jaatoo jiraataa aanaa Boosati. Akka Waaqo jedhutti jiraattonni aanichaa keessumaa gandoota Naannoo Amaaraa daangessan daangaan isaanii sirriitti waan hin keeyamneef rakkoon nageenyaa ulfaataa deemaa jira jedha.
Waaqayyo keessumaa Aanaa Boosat gandoota baadiyyaa naannoo Amaaraa daangessan irratti baballiafannaan daangaa gaggeeffamaa jiras jedha. Isaanis ganda Dhaddachaa fi booccataa tahuu himee, jiraattonni gandoota kana keessaa loon duraa saamamaa akka jiru, kanaan walqabatees rakkoon nageenyaa akka mudataa jirudha VOA’f kan dubbate.
Kana qofaa miti, jedha Waaqayyo, naannawa kanatti seer’alummaanillee hedduu baayyataa jechaan dabalee hima.
Keessumaa gandoota kana mootummooleen naannoo lameenii kan bulchaa jiran waan hin taaneef yakkoonni as keessatti raawwataman name to’atu ykn hordofu hin jiru jedha. Waaqayyo yoo dabalee dubbatu, warri as keessatti yakka hojjetu yoo nama ajjeesee qe’ee namaa barbadeessellee kan hordofee qabee seeraan gahu hin jiruu jedha.
Wanni kun, Boosat qofaa miti, Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee keessattillee ni mullataa jedhu jiraattonni. Jiraataan aanaa fantaallee maqaan isaanii akka eeramu hin feene takka haalli jiru irra ulfaataa dha jedhu. Keessumaa Aanaa Fantaallee gandoota shank an naannoo Amaaraa daangessan kessatti baballifanni daangaa yeroo dheeraaf keessatti deemaa jira jedhu. Gandootni baadiyyaa kenneenis, ganda Deebitii, ganda haroo qarsaaa, ganda ilaalaa, ganda xuxxuuxii fi ganda gidaaraati. Isaan kana keessaa jedhu jiraataan kun, gandoota aanaa fantaallee kana keessaa, ganda Xuxxuuxii, ganda Ilaalaa fi Haro qarsaa keessatti baballifannaan daangaa kun cimeera jechaan himan.
Keessumaa Aanaan ollaa ka naannoo Amaaraa minjaar shonkooraa as cehee ganda xuxxuuxii kana keessatti taappeellaa dhaabbachuu himanii, maqaan bakka kanaas gara ‘Awra Godaanaa’tti jijjiirameera jedhe. Humnootni naannoo Amaaraas naannoo kaan qubachuuni fi mootummaan naannoo Oromiyaa komii kana seeraan to’achuu dhabuunis sirrii miti jechuun qeeqan jiraatan kun. Haala rakkoo nageenyaa kana angawoota naannoleerraa deebii gaafannee turre.
Obbo Abbaabboo Waaqoo bulchaa godina Shawaa Bahaati.
Isaanis, daangaan naannolee lameen jidduu seeraan hin kaloofne jedhu. Dhiyeenyas waan kaan mariin hiikuuf sochiin jiraachuu eeranii haga yoonaa garuu murteerra hin gahamne jedhu.
Obbo Abbaabboon dhiyeenya daangaan wal qabatee rakkoon mudate hin jiru jedhanii, garuu saamichi horii akka ture eeran, sunis mariin akka hiikamu taheera jedhu.
Obbo Abbabboon komii jiraattonni aanaa Boosat fi Fantaallee lafti keenya seeraan ala nurraa fudhatame jedhan sun sirrii miti lafti fudhatame hin jiru, kan hin daangofne male jechaan deebii kennan. Waayee taappeellaa daangaan ala dhaabamee garuu dhugaa tahuu eeran. Sunis duraan dhaabatee ji’a saddeet dura ammas dhaabachuu sanarraa kan kahes rakkoon nageenyaa naannootti dhalachuu dubbataanii, mareen waa’ee kana ilaalchisee naannoo Amaaraa waliiin gaggeeffamaa jiraachuu himan.
Obbo Taaddesee Gebretsaadiq bulchaa godina shawaa kaabaa kan naannoo Amaaraati. Isaanis akkuma obbo Abbabbo