Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fixiinsa Yemen Keessatti Raawwate Hawaasi Addunyaa Ilaalcha HIn Kennineef: Qorattoota Sadarkaa Addunyaa


Hawaasi addunyaa Yemen wal waraansa waggoota torbaa seentee ennaa jirtu kanatti siivilota Yemen kanneen miliyoonaan laka’aman dararaa baatamuu hin dandeenyee keessatti dhiise jechuun hayyoonni gareelee mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa beeksisanii jiru.

Ibsi kun kan dhaga’ame gareeleen hayyoota beekamoo kan addunyaa fi naannoo sadii dhimma Yemen qoratan gumiin mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa torban dhuftuu utuu hin ga’in qorannaa isaanii beeksisanitti ture.

Waggaa kana Yemen keessaa siivilonni 1,200 ol ta’an ajjeefamuu tokkummaan mootummootaa tilmaamee jira.Kunis erga bara 2015 wal waraansichi jalqabbee qabee siivilota 20,000 ol ajjeefamanitti dabalee ti.

Itti dabaluu dhaan gabaasi waajjira gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootumootaa sababaa beelaa, dhukkubaa fi hanqina kunuunsa fayyaa, kufaatii dinagdee fi sababaalee adda addaan uummanni 223,000 ta’u du’uu isaanii mul’isee jira. Hayyuu beekamaa kan ta’an Ardi Imseels akka jedhanitti walitti bu’iinsa kana kana keessatti siiviloonni beela, hiyyummaa, dararaa hamaa irraan kan ka’e siiviloonni gatii guddaa baasaa jiran.

Gareen qorattootaa kun kan Saud Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emiratesiin deggeramu mootumaa Yemenii fi kan Iraaniin deggeraman ripxe loltoonni Houtii fixiinsa hedduu raawwachuu isaaf qeeqanii jiran. Gabaasi qorattoota kanaa, samii irraanii, naannoo uummati itti heddummaatetti utuu adda hin baasin haleellaan raawwtamuu isaa illee galmeessee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG