Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Duutii Vaayrasiin Deltaa Geesisaa Jiru Yaaddeessaa Dha: Ministeera Fayyaa


Fayilii - Namoota maaskii godhatanii baabura keessa taa'an, Finfinnee, Adoolessa 23, 2020
Fayilii - Namoota maaskii godhatanii baabura keessa taa'an, Finfinnee, Adoolessa 23, 2020

Itiyoophiyaa keessatti vaayrasiin Koroonaa kan bifa jijjirratee fi Deltaa Veeriyaant jedhamu midhaa geesisaa kan jiru ta'u ministeera Fayyaatti, De'etaa Ministeeraa kan ta'n Dr. Darajjee Dhugumaa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Namoota irra heedduun isaanii Finfinnee keessaa ta'anii fi dhukkubsatan 100 keessa harkii 80n Vaayrasii Deltaan kan qabaman ta'u ibsamee jira.

Namoota Vaayrasii Deltaan qabamanuun isaanii baramee kan walii galaa keessaa harkii 75 Finfinnee keessa jiraatu.

Vaayrasiin Deltaa akka salphaatti kan daddabruu fi akkaan namoota kan dhukkubsachiisu waan ta'eef meeshaa afuura baafachuuf nama gargaaruu fi hospitaala seenanii kutaa wal'ansii wal irraa hin cinneetti gargaaramuu qabu jedhan.

Hawaasnii of-eeggannoo barbaachisu gochuu dhiisuun akkasumas sababaa ayyaanaa, Cidha, Bo'iichaa fi kanneen biroon uummanni walitti qabamuun, dhukkubicha hammeessuu keessatti qooda akka qaban ibsamee jira.

Kanaaf jecha yeroo kamiin iyyu caalaa of-eeggannoon akka barbaachisu Dr. Darajjee Dhugumaa hubachiisanii jiru.

Gaaffii fi Deebii Guutuu Caqasaa.

Itiyoophiyaa Keessatti Duutii Vaayrasiin Deltaa Geesisaa Jiru Yaaddeessaa Dha: Ministeera Fayyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:44 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG