Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa keessatti sarbiinsii mirga namoomaa akka raawwatamaa jiru ibsame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Komishiiniin mirga namoomaa Mootumoota gamtoomanii Sudaan kibbaa, biyyatti keessa kutaalee jiran 10 keessaa 9 keessatii hookkorri mirga namoomaa sadarkaa yaaddesaa ta’een akka raawwatamaa jiru, akeekkachiisuu isaa gabaasin guyyaa kaleessaa mana maree mirga namoomaa mootumoota gamtomanitti dhihaate ibseera.

Gabaasin kun umnaan nama dhabamsiisuun , reebichii, umnaan gudeeduun, hokkora saalaa waltti bu’iiinsaa irratti hundaa’e fi ijoolewwan loltumaadhaaf dirqisisuun akka baldhinaan raawwatamu agarsiiseera.

Seer-dhabiisumaadhaa fi hookkoraa irra kan ka’ee namoonii miliyoonnatii lakkawaman umnaan akka isaan buqqa’n taasifamuu isaaniitiif namoonii hedduun du’uu isaanii kan ibsee gabaasin komishiinii mirga namoomaa kun, haanga’oonii Mootummaa Sudhaan kibbaa maallaqa mootummaa Doolaara Miliyoonaa hedduutti lakkawamuu gara heerragaa dhuunfaa isaanitti naannefachuu isaanii beeksiseera.

Rakkoowwan kana irraa kan ka’e lammilee biyya erga bilisoomtee reefuu wagga 10 taate kanaa, harkii 80 ammayuu iyyumaa cimaa keessa akka jiran hoggantuu komishiinii mirga namoomaa Sudaan kibba kan ta’an Yasmiin Sookaa wabefachuudhaan gabasini Lisaa Shilaayin Jenevaa irraa qindeesite ibsera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG