Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tapha kubbaa miilaa Adduunyaatiif darbuudhaaf biyyoottan dorgomii irra turan


Faayilii - Sirna baniinsaa dorgommii 2020
Faayilii - Sirna baniinsaa dorgommii 2020

Tapha kubbaa miilaa Adduunyaa bara 2022 biyyaa kaatar keessati taasifamuuf gareewwan biyyotaa hirmaatan addaan baasudhaaf jimaata darbee jalqabee Sambataa fi Dilbata bakka adda addaatti taphii taasifamaa ture.

Taphootaa torban kana taasifamaniin biyyoottan hirmaatan 32 keessaa biyoottan 9 darbuu isaanii mirkanefataniiru.

Akkuma kanaa, biyyi taphichaa keesumeesitu Kaatar, Jarman, Deenmaark, Faransaay, Beelijiyeem , Ispeen, Kri’oshiyaa fi Sarbiyaan hirmaannaa isaanii mirkaneefataniiru. Amerikaa kibbaa keesaa immo Biraaziil.

Biyyi taphatootaa beekamoo kan akka Kirsitaanoo Roonaaldoo qabduu Poortugaal tapha Serbiyaa waliin taasifteen Moo’atamtee cinqii keessa galtee jirti.

Poortugaal tapha kaleessaa moo’uun ykn qixa bahuun ishee gahaa ture. Tokkoof tokkoon walqixaa deemaa turan amma daqiiqaa 90ti. Poorchugaalonni biyya isaanii keessatii taphachaa turan. Serbiyaan nu himmootu yaada jedhuun fakkaata of qusachaa taphatan. Degertoonis raawwatameera jedhanii gammachuudhaan sirbaa turan. Taphataan Serbiyaa Aleksaander Mitravik jedhamu boqonnaa booddee geeddaramee tapha seene. Taphataa jabaa ta’uu isaa beekanisi Poorchugaalonnii ammanas xiyyeeffanaa hin kenineef turan.

Aleksaander Mitravic Daqiiqaa 90 irratti goolii galchee gammachuu poorchugaal irrati bishaan itti dhangalaase. Serbiyaan dabarteetti. Porchugaal ji’a Bitootessaa keessaa caraa qalloo qabdi. Darbuudhaa fi darbuu dhiisu isheetiif.

Biyyi Faransaay kaazakistaaniin 8 – 0 moo’udhaan darbitetti. Goolii 8 keessaa Taphataa beekamaa Kyliyaan Mbapee goolii 4 galche.

Amerikaa kaabaa keessaa Biyyi biraaziil Kolombiyaa goolii 1-0n moo’uudhaan taphaa Fifa bara 2022tiif darbuudhaaf 1ffaa taateetti.

Dorgommii Amerikaa kaabaati U.S jimaataa dheengaddaa Meeksikoo 2:0 dhaan mooteetti. Kanaadaan kostaarikaa 1:0 dhaan ijifatteetti. Biiyoottan Amerikaa kaabaa Tapaha kubbaa milaa 2022ti darban addaan bahee amma ammaatti hin beekame. Kan Afrikaas addaan hin baane.

Awuroopaa keessaa poorchugaal, Itaaliyaa fi Siwuudin muddama keessaa galanii jiru. Eshiyaa keessaa imoo Jaappan carraan ishee gaafii keessa galee jiraa.

Taphinii kubbaa miilaa Kaatar Sadaasa 21/2022 amma Muddee 18/ 2022 itti taasifama jedhamee eegama.

XS
SM
MD
LG