Namoonni Yunaayitid Isteetis keessaa ayyaana waggaa galataaf qophaa’aa jiran. Angawoonni eegums fayyaa immoo COVID -19 irraa of eeguuf talaallii akka fudhatan dhiibba godhan itti fufaniiru. Ga’eessonni tallaalaman tlaallicha kan jabeessu ykn Booster ka jedhamu fudhachuu danda’u jedhu.
Akka gabaasa Michelle Quinn-tti Yunaayitid Isteetis keessaa yeroo ayyanni waggaa itti jalqabamu guyyaa ayyaana galataa kanatti namoonni maatii isaanii daawwachuuf ennaa imaltuu geggeessanitti akka isa yeroo weerarri vaayiresii korornaa hin ka’in duraa ta’a jedhamee eegama.
Yunaayitid Isteetis keessaa lakkoobsi namoota COVID-19 qabaman dabalaa deemaa jira. Haa ta’u malee angawoonni eegumsa fayyaa ga’eessonni talaallii vaayiresicha cimsu kan booster jedhamu akka fudhatan raggaasisaniiru. Garuu namoonni wal ga’uun balaa qabaachuu mala.
Sababiiin isaas ijoollee umuriin isaanii waggaa shan gad ta’e dabalatee dhibba irraa harka 26 kan ta’an lammiiwwan Ameerikaa talaallii hin fudhatin jiru waan ta’eef jedhu angawoonni.